Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Afaaritti konkolaattoonni boottee seeraan ala boba’aa fe’an 15 to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Qarqara daandii Gaalaafii hanga Sardootti dhokatanii kan turan konkolaattoonni boottee boba’aa fe’an 15 to’atamaniiru.

Dabalataan bootteen tokko bosona keessatti boba’aa wayita waraabu harkaaf harkatti to’atameera.

Duulli erga jalqabamee eegalee, bakka garagaraatti konkolaattonni boottee boba’aa fe’anii dhokatanii turan sochii eegaluun eerameera.

Kana malees, hanqina boba’aatiin guyyoottan sadan darban cufamanii kan turan buufataaleen raabsaa boba’aa Samara hojii eegalaniiru jechuun Miidiyaan Naannoo Afaar gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.