Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti mariin Proojektoota misooma Jallisii fi Hidhaaleerratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraatti mariin Proojektoota misooma Jallisii fi Hidhaalee eegalaman irratti xiyyeeffate magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffame.
 
Marii kanarratti Ministira Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa,itti aanaa Preezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Faantaa Maandafiroo dabalatee miseensoonni kaabinee naannichaa hirmaataniiru.
 
Naannichi humna misooma Jallisii olaanaa qabaachuu ibsameera.
 
Rakkoo misooma Jallisii fi Hidhaalee naannicha muudate furuuf mootummaa federaalaa waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu itti aanaan Preezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Faantaa Maandafiroo ibsaniiru.
 
Marichi dhimmoota ijoo 4 irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffame ta’uu eeraniiru.
 
Proojektoonni yeroo ammaa hojjettamaa jiran bara baajataa kanatti xumuramuun gara hojiitti akka galan xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eerrameera.
 
Saaraa Makkoonnintu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.