Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti namoota dabalataa 4 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Fifninnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) –– Gabaasni idilee guyyaa har’aa erga dhiyaatee boodaa naannoo Amaaraatti vaayrasiin koroonaa namoota afurirratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Naannichaatti qorannaa laabraatoorii namoota 41f taasifameen vaayrasichi namoota 4 irratti argamuu ministeerichi beeksiseera.
 
Koorniyaadhan hundinuu dhiira.
 
Hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaanii waggaa 29 hanga 97 ta’uu ibsameera.
 
Namoonni sadi seenaa imala alaa kan hin qabne yoo ta’an, tuttuqaa qabaachuufi dhabuu isaanii qoratamaa jiraachuu Ministeerichi beeksiseera.
 
Inni tokko seenaa imala alaa qaba.
 
Namoonni lama jiraattoota Godina Goondar Dhihaa yoo ta’an, lama ammoo jiraattoota magaalaa Goondar ta’uu ibsameera.
 
Waliigala namoonni vaayrasichaan qabaman 433 ga’aniiru.
 
Akka biyyaatti Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 3,686 qoratameera.
 
Waliigala Ityoophiyaatti namoota 73,205f qorannaan laabraatoorii taasifameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.