Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti lammiilee sababa lolaan qe’ee isaanirra buqqa’aniif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2016 (FBC) – Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa lammiilee naannnoo Gaambeellaarra sababa balaa lolaan qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa akaakuu taasiseera.
Hoggannaan waldichaa Damee Gaambeellaa Obbo Cheenkoota Deevid, deeggarsichi harka qalleeyyii magaalaa Gaambeellaa fi Aanaalee 5 keessatti argaman dabalatee Abboottii warraa 475 oliif taasifamuu ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichas deeggarsicha namoota kanneeniif rabsaa jiraachuun eerameera.
Kanaan duras Abboottii warraa 725’f deeggarsi taasifamuu eeruun, Waldichi gara fuldurattis deeggarsa namoomaa taasiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu TOI gabaaseera.
Bakka Bu’aan Pireezidaanti naannicha Obbo Umood Umood , gamaasaaniin, waldichi lammiilee sababa balaa uumaama fi nam-tolcheen miidhamaniif deeggarsa taasiisaa jiru galatteeffataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.