Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gambeellaatti namoota meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii miliquuf yaalanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) – Naannoo Gambeellaatti namoota meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii miliquuf yaalanirratti tarkaanfiin fudhatame.

Naannoo Gambeellaatti namoota meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii miliquuf yaalanirratti tarkaanfiin fudhatamuu komishiniin poolisii naannichaa beeksise.

Komishinarri komishinii poolisii naannoo Gambeellaa Komaandar Umaan Ugaalaa namootni tarkaanfiin irratti fudhatame godina Nuweer irraa gara aanaa addaa Itaangitti meeshaa waraanaa seeraan alaa dabarsuuf otuu yaalanii ta’uu ibsaniiru.

Tarkaanfiin fudhatameen namoonni lama yoo ajjeeffaman nama tokko irra miidhaan qaama ga’eera jedhan.

Tarkaanfiin fudhatameen kilaash koovii 28 to’annoo jala oolchuun danda’ameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.