Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti Ayyaana Shawaal Iid haala milkii qabuun kabajuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti Ayyaana Shawaal Iid haala jaalala ummataa fi amantaalee, walda’uu fi tokkummaa cimsuu danda’uun kabajuuf hojjetamaa jiraachuu Preezdaantiin naannichaa obbo Oordiin Badiriin ibsaniiru.

Kaabineen naannichaa hojiilee Ayyaannicha kabajuuf hojjetamaa jiru gamaaggameera.

Hojiilee hojjetamaa jiran cimsuun ayyaana Shawaal Iid haala milkiin kabajuun murteessaa ta’uu obbo Oordiin ibsaniiru.

Ayyaanichi wayita kabajamu hariiroo sabaaf sablammootaa, Amantaalee, waloo fi tokkummaan jiraachuu haala cimsuun ta’uu akka qabu eeraniiru.

Nageenya naannichaa mirkaneessuuf haala ummata hirmaachiseen hojjetamuu akka qabus eeraniiru.

Keessummaa Ayyaanicha kabajuuf gara sana dhufan bifa tasgabbii fi aadaa naannichaa eegeen simachuun barbaachisaa ta’uu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.