Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti ayyaanni sabaa fi sablammoota kabajame

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC)- Naannoo Harariitti ayyaanni sabaa fi sablammoota kabajameera.

Guyyaan sabaa fi sabalammoota Ityoophiyaa 16ffaan Mana Maree Naannichaatti sagantaan garagaraan kabajameeraa.

Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii, Ayyaanichi wayita federaalizimiin dhugaa ijaaramaa jirutti kabajamuun adda isa taasisa jedhaniiru.

Ayyaanichi mata duree ‘Obbolummaa Sabdaneessa Tokkummaaf’ jedhuun kabajameera.

Garee shororkeessa ABUT fi ergamtoota isaanii dhabamsiisuuf tokkummaan akka qabsoofnuuf kan nu kakaasuudha jedhan Obbo Ordiin Badriin.

Itti dabaluunis, sabaa fi sablammoonni tokko ta’uun birmadummaa Ityoophiyaaf dhaabbachuu akka qabanis dhaabaniiruu.

Af-yaa’iin Mana Maree Mootummaa Naannoo Hararii Obbo Sulxaan Abdusalam gama isaaniitiin, Ayyaanni sabaa fi sablammoota Ityoophiyaa bara kanaa wayita gareen shororkeessaan ABUT barbadaa’aa jiruutti kabajamuun isaa adda taasisa jedhaniiru.

Obbo Sulxaan Abdusalaam itti dabaluun, akkuma tokkummaan Ayyaanicha kabajnu, yeroo ammaa garee ABUT dhabamsiisuuf aarsaa guddaa kaffalaa kan jiru gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi taasifamu cimee akka itti fuufu waamicha taasisaniiru.

Haaluma kanaan birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gahee sabaafi sablammootaa mata duree jedhurratti mariin taasifameera.

Hirmaattoonni ayyaanicharratti raayyaa ittisa biyyaatif dhiiga arjoomaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.