Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti hongee muudateef lammiilee miidhamaniif hojiin deeggarsa raabsuu raawwatamaa jira

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC)- Naannoo Somaaleetti hongee muudateef lammiilee miidhamaniif hojiin deeggarsa raabsuu raawwatamaa jiraachuu ibameera.

Naannichatti hongee muudateen horsiisee bultoonni hedduun deeggarsi kan isaan barbaachisuudha jedhameera.

Naannolee garaagaraa lammiilee hongeen miidhamaan deeggarsa maallaqaa fi akaakuu taasisaa jiraachuu Komishinii hoggansa sodaa balaa naannichaa ibseera.

Itti aanaan biiricha obbo Saadiq Abdulqaadiir akka himaniitti, guyyaa har’aa nyaanni kuntaalli kumni 20 deeggarsa taasifamuun hawaasa naannichaaf rabsaamaa jiraachuu himaniiru.

Naannoo Somaaleetti hongee muudateen beelladoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 30 ol lubbuun isaanii yoo darbuu, horsiisee bultoonni miiliyoonni 2.5 deeggarsi kan isaan barbaachisuu ta’u ragaaleen ni muul’dhisu.

Fatiyaa Abdallaa fi Geetaasaw Yeshaawatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.