Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigiraayitti dubartoota rakkoof saaxilamaniif deeggarsi taasifamaa jira

 

 

Finfinnee Waxabajji 16/2013/TOI/ Naannoo Tigiraayiitti dubartoota rakkoof saaxilamaniif gargaarsi yaalaa fi maallaqaa taasifamuusaa bulchiisi yeroo naannichaa himeera.

 

Dubbi himaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay dooktar Adadaa Hayilesillaasee Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, naannichatti rakkoo nageenyaa ture waliin walqabatee dubartoota rakkoof saaxilamaniif deeggarsa taasifamaa jirudha.

Gargaarsicha mootummaan kan taasisaa jiru ta’uu himanii ,dubartoota kuma tokkoo ol kan ta’antu fayyadamaa jira.

Dubartoonni kun yeroo ammaa giddugala buufata fayyaa 6tti gargaarsi yaalaa taasifamaafii akka jirus eeraniiru.

Dabalataan  tajaajila gargaarsa xiinsamuu, seeraa, leenjii ogummaa fi maallaqaa akka argatan yaaliin godhamaa jira jedhan doktar Adadaan.

Akka dubbi himaan kun ibsanitti ammaaf hojii sasalphaarratti hirmaachuuf ka’umsaaf kan gargaaruf tokkoo tokkoo isaaniif Birriin kuma 5 hanga 10tti kennamaafii jira.

 

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.