Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayiitti hojiin dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu waliin ga’uu itti fufe – Ministeera Bishaanii fi Inarjii

Finfinnee, Sadaasa 17, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraayiitti lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif hojiin dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu waliin ga’uu itti fufuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksiise.

Buufataalee bishaanii naannichatti argaman  suphuun tajaajila eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Waliigaltee nageenyaa mootummaa fi ABUT gidduutti taasifame hordofee naannichatti hojiin deeggarsa namoomaa dhiyeessuu haalan itti fufuu eerameera.

Magaalaa Shireetti buufanni sekoondii 1 keessatti Bishaan liitira 48 oomishu suphamamuun tajaajila laachuuf qophii ta’uu Ministeerichatti itti gaafatamaan deeggarsa Bishaan dhugaatii yeroo ariifachiisaa Obbo Aschaalaw Tasfaayeen ibsaniiru.

Jiraattoota Shiree hanga Adwaatti argaman hanqinni Bishaan dhugaatii akka hin quunnamne dabalataan Boolli Bishaanii gadi fagoon qophaa’uu dubataniiru.

Ummata naannichaaf dhiyeessii Bishaan dhugaatii fooyyessuuf karoorri yeroo gabaa fi dheeraa ba’ee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.