Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsi taasifamu cimee itti fufeera-Dooktar Muuluu Naggaa

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa ariifaachisaa barbaadaniif deeggarsi taasifamuu cimee itti fufuu Hoji raawwachiisaan olaanaan bulchiinsa yeroo naannichaa Dooktar Muluu Naggaan ibsaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad mootummaan federaalaa bulchiinsa yeroo naannichaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasisuu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Dooktar Muluun, bulchiinsi yerichaa naannichatti hojiiwwan bu’a qabeessaa ta’an hedduu hojjechaa jira jedhaniiru.
Bulchiinsi yeroo kun tajaajilaa hawaasummaa addaan cite turee eegalchisuu fi kabiinee naannichaatti hundeessuun gara hojiitti galchuun xiyyeeffannoon hojjechuu ibsaniiru.
Yeroo amma kanas jiraattoonni naannichaa hedduun fedhii isaaniitin hidhannoo isaanii qaamolee nageenyaatti laachaa jiraachuu Dooktar Muluun himaniiru.
Milishoonni baqataanii turaniis hidhannoo isaanii hiikachuun karaa nagaa garaa naannoo isaaniitti debi’aa jiru jedhaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad wayita bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay hundeeffameetti mootumman federalaa bulchiinsa yerichaaf deeggarsa barbaachisaa akka barbaachisuu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Waada galameenis deeggarsa namoomaa naannichaa taasifamaa jiraachuu ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.