Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti meeshaalee barnootaa Birrii miiliyoona 440 oliin bitaman raabsamaa jiru jedhame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC) – Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay Maallaqa deeggarsa Baankii Addunyaarraa argame Birrii miiliyoona 440 oliin meeshaalee barnootaa bituun raabsaa jiraachuu beeksise.
Adeemsi meeshaalee barnootaa kanneen raabsuu magaalaa Maqaleerraa eegalamuu Hogganaan Biiroo Barnootaa bulchiinsa yeroo naannichaa Dooktar Kiroos Gu’ish eeraniiru.
Teessoon barattootaa fi barsiisotaa, Kompiyuutaroonni fi kanneen biroo raabsamaa jiraachuu himaniiru.
Deeggarsichi manneen barnootaa sababa walitti bu’iinsaan barbadaa’an deebisanii ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu Dooktar Kiroos eeruu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.