Fana: At a Speed of Life!

Nageenya waaraa mirkaneessuuf barsiisonni qooda olaana waan qabaniif xiyyeeffannaan hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Adeemsa nageenyaa waaraa mirkaneessuuf hawaasaa qaroomee fi aadaa isaatiin boonu ijaaruuf barsiisonni qooda olaanaa waan qabaniif, xiyyeeffannoo kennanii hojjechuu akka qaban Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Waltajjiin marii dhimma nageenyaarratti hawaasa barsiisotaa waliin gaggeeffamaa ture xumurameera.

Hirmaattoonni marichaa nageenyii yoo hinjiraannee baruu fi barsiisuun waan hinjiraanneef nageenyaa waaraa biyyattiitti mirkaneessuuf gahee gamaa isaanii bahachuuf akka hojjetan himaniiru.

Itti Gaafatamaan Deskii Ijaarsa Nageenyaa Ministeera Nageenyaa Obbo Wandasan Mokonnin, dhalootaa naamusaa gaarii qabu horachuuf ijaarsaa nageenyaa milkeessuuf gaheen barsiisotaa murteessadha jedhaniiru.

Kanaaf, nageenyaa waaraa mirkaneessuuf aadaa alaa dhufaan dhabamsiisuun hawaasaa qaroomee fi aadaa isaan boonu ijaaruuf qoodni barsiisotaa olaanaa waan ta’eef, xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban dhamuu isaanii ragaan ministeera Nageenyaarra argamee ni mul’isa.

Watajjii marii Ministeerri nageenyaa hawaasa barsiisotaa waliin geggesseerratti, dhimmoota nageenyaa waaraa fi qulqullinaa barnootaa mirkaneessuurraatti mari’atameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.