Fana: At a Speed of Life!

Namni ajjeechaa Haymaanootin shakkame to’atamuu Koomiishiniin Poolisii Finfinnee beeksise

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Namni ajjeechaa Haymaanoot Badhaadhaatin shakkame to’atamuu Koomiishiniin Poolisii Finfinnee beeksise.
 
Barattuun digrii lammaffaa Haymaanoot, Yuunvarsiitii Finfinneetti Hoospitaala Speeshaalaayizdii Xiquur Aanbassaatti keessatti tibbana ajjeefamuun ishee himamuun ni yaadatama.
 
Ajjeechaa Haymaanotiin kan shakkame jiraataa magaalaa Arbaa Minc kan ta’ee fi dargaggoo waggaa 20 Dagginnat Warquudha.
 
Koomiishinichi Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaa waliin hordoffii taasiseen shakkamaadhan ala namoota barattuu Haymaanoot waliin qunnamtii qaban 12 to’annoo jala oolchee qorannaa gaggeessaa jiraachuu “EBC”n beeksiseera.
 
Shakkamaa Dagginnat Warquu miidhamtuu waliin qunnamtii kan hin qabne yoo ta’u, qorannaadhan dawaa HIV/AIDS argachuuf ogeeyyiin fayyaa na gargaarun gara hoospitaalichaa deddeebi’aa turuu hima.
 
Caamsaa 17,2012 gara hoospitaalichaa seenuun, kutaa Haymaanoot keessa turte seenuun bilbila, paaspoortii, laaptooppii, cheekii Birrii kuma 5 abbaan ergee fi qabeenyashee biroo saamee halbeedhan ishee waraanuun miliqeera.
 
Cheekicha baankii deemee maallaqatti jijjiiruuf waraqaa eenyummaa waanin hin qabneef sababii jedhuun konkolaachisaa baajajitiin magaalaa Finfinnee naannoo Yakkaatti maallaqicha naaf baasi jedhaan.
 
Cheekichis ka’umsa qorannaa dhimmichaaf isa gargaaruu poolisiin ni hima.
 
Eegumsi hoospitaalichaa laafa ta’uu isaatin halbeen galuu fi kaameeraan nageenyaa waan hin haaromfaminiif tajaajila laachaa akka hin turinis poolisiin eerera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.