Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaa kilaashii 10  fi rasaasota kuma 1 fi 900 ol agadaa keessa dhoksuun daddabarsaa ture to’annaa jala oole

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)- Namni dhuunfaa kilaashii 10  fi rasaasota kuma 1 fi 900 ol agadaa keessaa dhoksuun daddabarsaa ture to’annaa jala ooleera.

Godina Walloo Kibbaatti Itti aanaa waajjira poolisii aanaa Lagaamboo Inispeektar Mahaammad Adam akka himanitti, sakattoo fi hordoffii Eebila 10, 2014 taasifameen meeshaalee waraanaa seeraan alaa to’annaa jala oolaniiru jedhan.

Konkolaataan fe’umsa ka’umsasaa Daseerraa gara Waagdii imalaa ture agadaa Zayitaa fi meeshaalee shaqaxoota biroo waliin hidhuun akkasumas Kilaashii 10, rasaasota kuma 1 fi 900 rasaasa Bireenii 105 magaalaa Aqaastaarratti to’annaa jala ooluu Poolisiin beeksiseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.