Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhimma lafaa isiniif xummurra jechuun tajaajilamtootarraa maallaqa fudhatan too’annoo jala oolan

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Gullalleetti namoonni dhimma lafaa isiniif xummurra jechuun tajaajilamtootarraa maallaqa fudhatan too’annoo jala oolan.
 
Kutaa bulchiinsa Gullallee aanaa 10 nitti dhimma lafaa waliin walqabatee tajaajilamtootarraa matta’aa kan fudhatan hoggannaa olaanaa aanichaa dabalatee hojii raawwachiiftoonni biroo too’annoo jala oolaniiru.
 
Yakka kana keessatti caasaaleen mootummaa kutaa bulchiinsa magaalichaa hanga aanaatti hidhata qabanii fi faddaaltoonni keessatti argamu jedhame.
 
Eeruu tajaajilamtootarraa argameen Waajjirri Kaantibaa magaalaa Finfinnee fi Koomishiniin Poolisii federaalaa waliin ta’uun qaamoolee tajaajila laachuuf maallaqa tajaajilamtootarraa fudhatan harkaa harkatti too’annoo jala oolchaniiru.
 
Hawaasni tajaajila argachuu qabu karaa seeraan laachuuf qophii ta’uu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.
 
Tajaajilamtoota eeruu kana laataniif kabajaa fi dinqisiiffannaa qabaachuu eerera.
 
Caasaalee mootummaa karaa qaxxaamuun maallaqa horachuuf seeran ala hawaasarraa maallaqa fudhatan hojiin saaxiluu cimee itti fufuu akka waajjirichi waamicha dhiyeessera.
 
Tajaajilli hojmaataa fi seeraan malee maallaqaan kennamu kan hin jirre ta’uu hubachuun,hawaasni qaamoolee gochaa kana raawwatan saaxiluun dirqama isaanii ba’uu akka qaban yaadachiiseera.
 
Yakka qaamooleen too’annaa jala oolan raawwatan ilaalchise Koomishinii Poolisii Federaalaatti Biiroon Qorannoo Yakkaa yeroo itti aanu ummataaf kan ifoomsu ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.