Fana: At a Speed of Life!

Namoonni maallaqa kan isaanii hintaane fudhatan yookaan daddabarsan hanga Sanbata dhufuutti akka deebisan gaafatame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016(FBC)- Namoonni maallaqa kan isaanii hintaane fudhatan yookaan daddabarsan hanga Sanbata dhufuutti fedhii isaaniin akka deebisan Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa gaafate.

Tibbana rakkoo siistamaa baankicha mudateen walqabatee, faayidaa hinmalle argachuuf namoota maallaqa kan isaanii hintaane fudhatanii fi daddabarsa maallaqa hinmalle taasisan keessaa hedduun isaanii waamicha taasifameen deebisaa jiraachuu dinqisiifateera.

Hanga ammaatti namoonni hindeebisne hanga Sanbata dhufu Bitootessa 14, 2016’tti akka deebisan waamicha xumuraa taasiseera.

Haa ta’u malee, yeroo kaa’ame keessatti namoota maallaqa fudhatan hindeebisne irratti sadarkaa sadarkaan tarkaanfii fudhachuuf kan dirqamu ta’uu hubachiiseera.

Tarkaanfiiwwan fudhatamanis qaamolee haqaa waliin ta’uun maqaa namootaa tarreessuu fi bakka namoonni kunneen beekamanitti ifoomsuun tarkaanfii seeraa akka itti fufan kan taasifamu ta’uu eereera.

Dabalataan, haala eerameen ammas kanneen hindeebisne adeemsa seeraan murteen barbaachisaan hanga kennamutti namoota gochichaan shakkaman suuraa fi ibsa eenyummaa isaanii miidiyaaleen ummataaf kan ifoomsuu ta’uu hubachiiseera.

Tarkaanfiiwwan fudhataman maddiittis faayidaa hinmalle argachuuf mallaqa fudhatan hanga Sanbataatti yoo hindeebisne qaamolee haqaa waliin ta’uun tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa kan fudhatamu ta’uu beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.