Fana: At a Speed of Life!

Namoonni yakka nageenya biyyaa miidharra buusuu fi icciitii mootummaa garee shoroorkaaf dabarsanii laachuun shakkaman mana murtiitti dhiyaatan

 

Finfinnee, Hagayya 5, 2012 (FBC) – Namoonni yakka nageenya biyyaa miidharra buusuu fi icciitii mootummaa garee shoroorkaaf dabarsanii laachuun shakkaman mana murtiitti dhiyaatan.

Nageenya biyyaa miidharra buusuu fi icciitii mootummaa garee shoroorkaaf dabarsanii laachuun biyyattiitti hookkarri akka uumamuu taasisuuf namoonni shakkaman 5 mana murtiitti dhiyaataniiru.

Shakkamtoonni Finfinnee Hogganaa wajjira ABUT duraanii obbo Tawaldee Gabratsaadiq, Daayrekatara Seeraa fi haqaa obbo Tasfaalam Yihidagoo fi hogganaa Nageenya Kutaa Bulchiinsaa Magaalaa Aqaaqii Qaalittii obbo Atsibihaa Alamaayyaaw fi namoota biroo lamadha.

Qorataan poolisii shakkamtoota kanneenirratti hojii hanga ammatti hojjete mana murtiif kan ibse yoo ta’u, raga namaa fi ragaalee biroo walitti qabuu himeera.

Akkasumaas yeroon qorannoo dabalataa guyyaa 14 akka laatamu gaafateera.

Manni murtii dhimmicha hordofe ajaja laachuuf Hagayya 11, 2012tti beellama laateera jechuun Taarik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.