Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shiideen raawwii piroojektii deebisanii dhaabuurratti ministiroota  waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 17, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen raawwii piroojektii iddoowwan walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii dhaabuurratti ministirootaafi minister deetaawwan dhimmisaa laallatu waliin mari’atan.

Raawwiin piroojektichaa yeroo dhiyootti uummataafi qaamolee dhimmamtootaaf kan ifoomu ta’uu obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.

Piroojekticharratti gahee olaanaa kan qaban dameewwan barnootaa, fayyaa, qonnaa, bishaaniifi albuudaa akkasumas dhimmi dubartootaafi hawaasummaa waajjiraaleen ministeerotaa kallattiin dhimmichi isaan ilaallatu biroon gahumsa raawwii piroojektii isaanii akka cimsan yaadachiisaniiru.

Ministiroonni maricharratti hirmaatan galteewwan piroojekticharratti dabalamuu qabu jedhan kaasaniiru.

Dhimma dubartootaafi daa’immanii irratti xiyyeeffannoon akka laatamu gaafachuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.