Fana: At a Speed of Life!

Obbo Baqqalaa fi eegdonni obbo Jawaar Mahaammad mana murtii dhiyaatan

Finfinnee, Adoolessa 7,2012(FBC)- Hoggansi Koongirasii Federaalistii Oromoo obbo Baqqalaa Garbaa fi eegdonni obbo Jawaar Mahaammad mana murtii dhiyaatan.

Ajjeechaa Artiist Hacaaluu Hundeessaa booda reeffa saamuu fi yakka jeequmsa uumuun kan shakkaman namoonni 9; obbo Baqqalaa Garbaa fi ijoolleen isaanii lama, akkasumas eegdonni obbo Jawaar Mahaammad mana murtii dhiyaataniiru.

Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Ramaddii Lidataa, dhaddachi yakkaa Araadaa kaleessa dhimma isaanii ilaalera.

Obbo Baqqalaan godinaalee Oromiyaatti bilbiluudhan jeequmsi akka uumamu, hawaasaa fi hoggansa mootummaarratti tarkaanfiin akka fudhatamu ajaja bilbilaa dabarsaniiru jedheera poolisiin.

Mana isaaniittis shugguxiin lama qabamuu, eeyyama qabaachuu fi dhabuun isaaniis qulqullaa’aa jiraachuun himannichaan ibsameera.

Jeequmsa naannoo Oromiyaatti uumameen namoonni lama qabeenyi Birrii miliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 40 isaan jalaa barbadaa’uu irra ga’eera jedheera poolisiin.

Poolisiin dhimmoota biroorratti qorannaa dabalataa akkan dhiyeessu guyyaan naaf yaa kennamu jedhee gaafatus, obbo Baqqalaan ani reeffa saamuus ta’e yakka biroo keessaa harka hin qabuun deebii laataniiru.

Eegdota obbo Jawaar Mahaammad keessaa 9 dhaddacha kan dhiyaatan yoo ta’u, 1 vaayrasii koroonaatin shakkamee tursa addaatti fudhatameera jedhameera.

Manni murtichaas ragaan mana yaalaa akka dhiyaatu ajajeera.

Eegdota salganirratti raadiyoon qunnamtii 9, shugguxii 9 fi Kilaashiin 10 argamuu poolisiin ibseera.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa yammuu seenanis lubbuun poolisii 1 darbuun ibsameera.

Miidhaa naannoo Oromiyaa keessatti qaqqabe qorachuuf qorattoonni 7 bobba’uu fi guyyootiin qorannaa dabalataa 14 akka laatamuuf poolisiin gaafatee, manni murtichaas guyyaan gaafatame ni malamoo hin maluu murteessuuf Adoolessa 9,2012tti beellama jijjiirramaa qabeera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.