Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Daayrektara Olaanaa Dhaabbataa Godaantota Idil Addunyaa Emii Pooppi waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Fooramii Godaantota Idil Addunyaa Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiruun cinaatti Daayerktar dhaabbatichaa waliin mari’ataniiru.

Gufuulee godaansa seeraan alaa furuuf godaantota misoomaan walitti hidhuun akka barbaachisu Obbo Dammaqaan dubbataniiru.

Emii Pooppi gama isaaniin fedhiiwwan waloo furuuf dhaabbannii isaanii walta’iinsa jiru caalmaan cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Akkasumas Dhaabbanni Godaantotaa Idil Addunyaa godaantota misooma waaraa waliin walitti hidhuu fi tumsu jiru cimsuuf waliigalteerra ga’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.