Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin gita isaanii Sudaan waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin gita isaanii Ministira Dhimma Alaa Sudaan Alii El Saadiig Alii waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan marii isaaniin Ityoophiyaan ummata Sudaaniif cinaa kan dhaabbattu ta’uu akkasumas, walitti bu’iinsa umameen lammiilee lubbuun isaanii darbeen gaddaa itti dhaga’ame ibsaniiru.

Ummanni Sudaan, walitti bu’iinsaa baatii Ramaadaana keessa mudate tasgabbeessuun gara nageenya duraaniitti akka deebi’an amantaa qaban ibsuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argeme ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.