Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan baga ayyaana Iid Alfaxiriin ittiin isin ga’e jedhan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2012 (FBC) – Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaana Iid Alfaxiriin ittiin isin ga’e jedhan.
 
Obbo Dammaqaan ayyaana Iidaa 1441ffaa booru kabajamu sababeeffachuudhan ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsaniiru.
 
Baatii Ramadaanaa soomanaa fi walii yaaduu, wal jaalachuu, wal deeggaruu fi wal kabajuun dabarsineerra jedhan.
 
Yeruma kanattis tamsa’ina vaayrasii koroonaarraa of eegaa fi kaanis eegaa dabarsineerran ibsan.
 
Ammas ayyaanichi wayita kabajamu of eeggannaan akka cimuu fi of dagannaan akka hafu imaanaa jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.