Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Doomiiniik Raab waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) –Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin Ministiraa Dhimma Alaa  Ingiliz Doomiiniik Raab waliin Landanitti mari’atan.

Haala qabatamaa waqtaawaa fi hariiroo biyyoota lameenirratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan gareen finxaaleyyii ABUT shira xaxuun ummataa fi mootummaarra badii hedduu qaqqabsiisuu eeraniiru.

Mootummaan obsaa fi bal’isee yaaduun gareen kun  badiirraa akka deebi’u gaafachaa tures garicha badii hamaataa raawwachuu itti fufu isaan olaantummaa seeraa kabachiisuutti dirqamaan seenuu eeraniiru.

Duulli gaggeeffamaa jirus yeroo ammaa boqonnaa murteessarra ga’uu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa Ingiliz Doomiinik Raab gama isaaniin Ityoophiyaan michuu Ingiliz bara dheeraa ta’uu fi rakkoon nageenyaa keessoo biyyattii akka biyya michuu tokkootti kan isaan yaachise ta’uu himaniiru.

Mootummaan tarkaanfii duula olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwatu keessatti lammiileen nagaa akka hin miidhamnee fi deeggarsa mirga namoomaaf daandii mijeessuu akka qabu himaniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo eegalame caalmaatti cimuuf waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii ragaan Waajjira itti aanaa Muummee Ministiraa FDRI irraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.