Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Chaayinaa Zaaho zhiyuu’aan waliin mari’ataniiru.
Haala weerara vaayrasii koroonaa, dhimma hidha haaromsaa fi haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee waliin marai’ataniiru.
Obbo Dammaqaan Faawundeeshinii Jaak Maa dabalatee dhaabbileen Chaayinaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa olaanaa taasiisan dinqisiifataniiru.
Chaayinaan yeroo kaffaltii liqii proojektoota misoomaa Ityoophiyaaf laatte kan dheeressitu ta’uu abdii qabaachuu obbo Dammaqaan wayita marii isaaniin kaasaniiru.
Marii sadee Hidha Haaromsa Guddichaa Ityoophiyaa ‘dhimma Afrikaaf furmaata Afrikaa’ jedhurratti ejjennoo Chaayinaan qabdu dinqisiifataniiru.
Obbo Dammaqaan duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffama ture milkiin xumuramuu fi deeggarsa namoomaa duulaan booda taasiifamaa jiru ilaalchisee Ambaasaaddar Zaaho zhiyuu’aan ibsa taasiisaniiru.
Hojiin hoggantoota garee finxaaleyyii to’annoo jala oolchuu cimee kan itti fufe ta’uu fi sosochiin naannichaa idileetti deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Zaaho zhiyuu’aan gama isaaniin sababa weerara vaayrasii koroonaan rakkoo keessa turteetti Ityoophiyaan deeggarsa taasiifteef galateeffataniiru.
Ibsa obbo Dammaqaan dhimmoota murteessaa biyyattiirratti laatan dinqisiifachuun, hariiroo cimaa biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.