Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Qonsilaa Kabajaa Beelaarus waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015 (FBC)- Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Ityoophiyaatti Qonsilaa Kabajaa beelaarus Dimitirii Lukaashenkoon waliin mari’ataniiru.

Wayita marichaattis Obbo Dammaqaan Ityoophiyaa fi Beelaarus keessumaa Invastimantii, tuuriizimii, qonnaa fi makkaanaayizeeshinii akkasumas damee albuudaan hariiroo gama lameenii cimsuu akka qaban himaniiru.

Biyyoonni lameenis hariiroo isaanii cimsuuf tattaaffii akka taasisan dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Dimitirii Lukasheenkoo gama isaaniin biyyoota lameen gidduutti, hariiroo seena qabeessa jiru cimsuuf akka hojjetan waadaa galaniiru.

Dabalataan, jijjiiramaa fi guddina Ityoophiyaatti mul’achaa jiru dinqisiifataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.