Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) –Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan waliin mari’ataniiru.

Gamtaan Ministirootaa Idil Addunyaa garee Shororkeessaa ISIS balleessuuf hundaa’e har’a Saa’uud Arabiyaa Jiddaantti walga’ii gaggeesseera.

Walga’icha cinaatti Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Haala hariiroo waloo biyyootya lamaanii cimsuun danda’amu, raawwii waliigaltee nageenyaa, adeemsa ce’umsa haqaa, mirga namoomaa fi haala yeroorratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.