Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Walga’ii IGAD 48ffaarratti hirmaachuuf Sudaan Kaartum galan

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015 (FBC) – Itti aanaan Muummee ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin walga’ii Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa 48ffaarratti hirmaachuuf Sudaan Kaartum galaniiru.

Obbo Dammaqaan wayita Kaartum ga’an hoggantoota olaanoo biyyattii fi IGAD simatamaniiru.

Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota misoonsa IGAD fi Barreessaa olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon Sudaan Kaartum seenaniiru.

Walga’ichi dhimmoota nageenya Gaanfa Afrikaa, miidhaalee sababa walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaan qaqqaban, deeggarsa namoomaa, wabii nyaataa fi dhimmoota naannawichaa fi idil addunyaarratti kan mari’atu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.