Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun ministira dhimma alaa fi daldalaa Ayyarlaandis waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduun Ministira dhimma alaa fi daldalaa Ayyarlaandis waliin mari’atanSaayman Kooviiniiy waliin bilbilaan mari’atan.
 
Haala hariiroo hunda galeessa biyyoota lamaanii cimsuun danda’amurratti mari’atniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qindoominaan hojjechuuf walii galaniiru.
 
Ityoophiyaan hariiroo Ayyarlaandi waliin qabdu caalmaatti cimsuuf kan hojjettu ta’uu obbo Gadduun ibsaniiru.
 
Obbo Gadduun tarkaanfii Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf fudhataa jirtuu fi muuxxannoo gaarii gama kanaan qabdi ibsaniiru.
 
Qajeelfama Dhaabbinni Fayyaa Addunyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf baase hojiitti hiikuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
 
Ministirri Dhimma Alaa fi Daldalaa Ayyarlaandi Saayman Kooviiniiy gama isaaniin biyyi isaanii hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdutti gammaddu ta’uu himaniiru.
 
Ga’ee Ityoophiyaan Afrikaa fi naannicha keessatti qabdu dinqisiifataniiru.
 
Tarkaanfiin Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf fudhataa jirtu jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Weerara kana ittisuuf Ayyaarlaandi Ityoophiyaa waliin kan hojjettu ta’uu ibsuu isaanii ragaan waajira dhibbii himaa Ministeera dhimma alaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.