Fana: At a Speed of Life!

Obbo Iristuu Yirdaaw Jigjigaa galan

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Ummattoota Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa galan.
Jilli obbo Iristuun durfamu kun naannoo Somaaleetti lammiilee hongeen miidhaman deeggaruuf gara naannichaa imaluu ibsameera.
Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Garaad Wiilwaal ga’u Preezdaantii naannoo Somaalee obboMusxafee Mahaammad dabalatee hoggantoota olaanoo naannichaan simannaan taasiifameefira.
Jilli kun Preezdaant Iristuu dabalatee Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Kibbaa obbo Xilahuun Kabbadaa fi hoggantoota biroo kan hamate ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.