Fana: At a Speed of Life!

Obbo Lidatu Ayyaalew himannaa 2ffaa himatamaniin har’a waaree booda Mana Murtii Waliigalaa Shawaa Bahaatti dhaddachaaf dhiyaatan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Obbo Lidatu Ayyaalew yakka sanadoota mootummaa ce’umsaa heera mootummaa faallesuu qopheessuun himatamuun har’a dhaddacharratti dhiyaatan.
 
Obbo Lidatu Ayyaalew himannaa 2ffaa himatamaniin har’a waaree booda Mana Murtii Waliigalaa Shawaa Bahaatti dhaddachaaf dhiyaataniiru.
Obbo Lidatuun seera yakkaa bara 1996 ba’e keewwata 238 keewwata xiqqaa 1 fi 256 jalatti tumame darbuun heera mootummaa diigiif maqaa mootummaa ce’usaan sanadoota ce’umsaa qopheessaan jechuun himatamaniiru.
 
Yakki ittiin himatamanis har’a dhaddacha mana murtichaatti dhiyaachuun dubbifameefira.
 
Obbo lidatuun bakka abuukaatoonni koo argamanitti naaf yaadubbifamu jechuu isaaniin beellamni jijjiirraa Jimaata dhufutti qabameera.
 
Gama biroon yakka kana dura meeshaa waraanaa seeraab alaa qabatamanii argamuu isaaniin himatamaniif guyyaa booruutti beellamni jijjiirraa qabamuun isaa kan yaadatamuudha.
 
 
Taariik Addunyaattu gabasase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.