Fana: At a Speed of Life!

Oduun ABUT Xiyyaara nama maleessa qabeenya raayyaa ittisa biyyaa hintaaneen haleellaan narratti raawwate jedhu dhugaarraa kan fagaatedha –M/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Sadaasa 11,2013 (FBC) – Oduun ABUT Xiyyaara nama maleessa qabeenya raayyaa ittisa biyyaa hintaaneen haleellaan narratti raawwate jechuun tamsaasu dhugaarraa kan fagaatedha jedhan ajajaa olaanaan Humna qilleensaa Meejar Jeneraal  Yilmaa Mardaasaan.

Meejar Jeneraal  Yilmaa Mardaasaan ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif laataniin Humni Qilleensaa FDRI waggoottaan lamaan darbanii as teeknooloojii nageenyaa lammiilee fi birmadummaa biyyaa eegsisuuf dandeessisu hidhachuu himaniiru.

Humni qilleensichaa naannoo qilleensa biyyattii haleellarraa baraaruuf ga’umsa ga’aa qabaachuu eeraniiru.

Wayita dhimmoonni cimaan qunnaman raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa barbaachisuu laachurratti argama jedhan.

Dhimmoota raayyaa ittisa biyyatti gufuu ta’uu danda’an hojii diiguu fi qulqulleessuu ni raawwata jedhaniiru.

Meeshaaleen waraanaa gareen finxaaleyyii ABUT biyya ganuun too’adheera jedhee turee battalumaatti humna qilleensaa barbadaa’uu Meejar Jeneraal  Yilmaa Mardaasaan eeraniiru.

Deeppoowwan kuusaa boba’aa naannoo Maqalee Kuwihaa fi Addigraati turan dabalatee garichi osoo itti hin fayyadamiin barbadaa’uu eeraniiru.

Gareen kun haleellaawwan raawwatame namoota nagaa fi dhaabbilee amantaarratti kan xiyyeeffate jechuun himataa jiraachuu ibsaniiru.

Ajajaa olaanaan Humna Qilleensaa Meejar Jeneraal  Yilmaa Mardaasaan himannichi dhugaarra kan fagaate ta’uu eeraniiru.

Hojiin hojjennu hundi teeknooloojii fi dandeettii keenyaan malee deeggarsa qaama kamiinniyyuu miti jedhan.

Murni ABUT dhiyeenya kana bu’uuraalee misoomaa yeroo barbadeessu argineera jedhan.

Ummanni hojii garee  kana seeratti dhiyeessuuf hojjetamaa jiruuf deeggarsa barbaaachisu taasiisuu akka qaban  waamicha dhiyeessaniiru.

Afawarq Alemuutu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.