Fana: At a Speed of Life!

Of eeggannaa cimsinee, of dagannaa yaa dhiisnu – MM Dr Abiy

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ummanni tamsa’ina vaayrasii koroonaatin akka hin miidhamne of eeggannaa cimsuu akka qabu dhaaman.
 
Dooktar Abiy ergaa isaanitiin of dagannaan michuu vaayrasii koroonaa ta’uu ibsaniiru.
 
Vaayrasichi of dagannaadhan michoomnan injifachuun ni ulfaata; kanaaf lamaan adda baasuu qabna jedhan.
 
Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii dabalaa waan dhufeef; lammiin hundi of eeggannaa akka cimsu dhaamaniiru muummee ministiraa.
 
Of eeggannaa cimsinee of dagannaa yoo hin dhaabin vaayrasichaan miidhamuun keenya hin oolu; gorsaa fi akeeka mootummaa fi ogeeyyii fayyaa hordofuun murteessadha jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.