Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyii miidiyaa dubartootaa angafoota ta’aniif beekamtiin kenname

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Waldaan Ogeeyyii Dubartootaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa bara miidiyaa dijitalaatti, hojiilee bal’aa kanneen hojjetaan fi bu’aa bayii baay’ee keessa darban angafoota ogeeyyii miidiyaa dubartootaaf beekamtii kenneera.
Saganticharratti Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Alamiituu Umudim akka jedhanitti, hirmaannaan dubartootaa damee miidiyaatiin fooyya’aa dhufus hojiileen hafan hedduutu jiru.
Ministeerichi deeggarsaa barbaachsisaa taasisuudhaan dirqama isaa akka bahatu ibsaniiru.
Beekamtiin kun dubartoota bu’aa bayii baay’ee keessa darbanii fi hojiilee bal’aa hojjetaniif beekamtii kennuun, fuulduratti hojiilee waldaan dubartootaa abbaa taayitichaa hojjetuuf bu’uura ta’uu himaniiru.
Rakkoolee ogeeyyii miidiyaa dubartootaarraa ga’an furuudhaaf waldichi ittigaafatamaa bal’aa akka bahatu abdii qaban eeraniiru.
Miseensi Boordii Waldichaa Gaazexeessittuu Yeshawaa Maasirashaa gama isheen, ogeeyyii miidiyaa dubartootaa angafootaaf beekamtii kennuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Fuulduratti waldichi hojmaatota loogoo ta’aan irratti qabsaa’uun rakkicha furuun ogeeyyii miidiyaa dubartootaa walabaa uumuu fi gama ga’umsaa ogeeyyii cimsuun xiyyeeffanaan kan hojjetamuu himanuiru.
Yisimaawu Adaraawutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.