Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyiin yaala fayyaa 48 tarkaanfii naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamaa jiru deeggaruuf gara sana imalan

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Ogeeyyiin yaala fayyaa 48 dhaabbilee fayyaa magaalaa Finfinnee keessa walitti babba’an tarkaanfii naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamaa jiru deeggaruuf gara sana imaluu ibsame.
Ogeeyyii yaala fayyaa kallattii lamaan gara sana imalaniif gaggeessaan taasiifameera.
Sirna gaggeessaa kanarratti itti aantuu kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi hogganaan Biroo Eeggumasa Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohannis Caalaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa biroo argamaniiru.
Gareen gara sana imale kun Ispeeshaaliistoota 10 fi ogeeyyii yaala fayyaa garaagaraa kan of keessatti hammate ta’uu ibsameera.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ogeeyyii kanneeniif baasii barbaachisu dabalatee meeshaalee yaalaa hunda guutuu ibsameera.
Leykuun Alemtu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.