Fana: At a Speed of Life!

Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjetamaa jira- Abbaa Alangee Federaalaa

Finfinnee, Muddee 10, 2012 (FBC) – Olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi malaammaltummaa ittisuu fi to’achuurratti hojjechaa jiraachuu Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa beeksise.

Fulbaana 2012 eegalee dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa, godinaalee fi magaalota Oromiyaa addaddaatti yakkoota raawwataman qulqulleessuuf koreen qoratu Koomiishinii Poolisii Federaalaa waliin qindoomuun hundaa’uu, qorannaa gaggeessuu ibsan.

Naannoo Oromiyaatti Onkololeessa 12 fi 13,2012 walitti bu’iinsa mudatee tureen, lubbuun namootaa darbuu, namoonni 200 ol miidhaa salphaa fi cimaaf saaxilamuu, shakkamtoota 337 keessaa 250 amma ammaa to’atamuu ibsan.

Yuunvarsiitiiwwan naannoo Amaaraa; Waldiyaa, Walloo, Dabra Birihaanitti sabummaarratti xiyyeeffachuun miidhaa qaqqabeen, lubbuun namaa darbuu, miidhaan qaamaa qaqqabuu, shakkamtoota adda baafatam 16 irratti qorannaan gaggeeffamaa jiraachuu himan.

Hojii farra malaammaltummaarratti baatiiwwan shanan darban keessa hojjetameen, qabeenya malaammaltummaan qabamee ture Birrii miiliyoona 50 olii kaaznaa mootummaatti deebisiisun danda’ameera jedhan daayreektarri koominikeeshinii abbaa alangichaa obbo Zinaabuu Tuunun.

Qabeenya biyyoota alaatti baqfame deebisiisuuf tarsiimon qophaa’era.

Daayreektoreetiin dhimmicharratti hojjetu hundaa’uun biyyootii qabeenyi Ityoophiyaa itti dhokfame waliin mariin gaggeeffamee waliigalteerra ga’amaa jiras jedhan obbo Zinaabun.

Labsiin odeeffannoo sobaa fi jibbiinsaa tamsaasuu ittisu, labsiin bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanaa, akkasumas labsiin bulchiinsa sirna federaalaa dhiyeenyatti ragga’uun hojiirra akka oolan hojjetamaa jira jedhan.

Ummanni yakkoonni yoo raawwataman, qophiilee jiran ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatuuf akka saaxilus waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.