Fana: At a Speed of Life!

Ololli Sobaa garee Shororkeessaa imala Raayyaa Ittisaa hin gufachiisu –  Ministeera Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Ololli Sobaa garee Shororkeessaa imala Raayyaa Ittisaa kan  hin gufachiifne ta’uu  Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksiise.

Ministeerri Raayyaa Ittisaa ibsa baaseen Gareen Shororkeessaa amaloota ittiin beekkamu keessaa ololli sobaa isa tokko ta’uu ibseera.

Garichi humna dhabus arrabaa dheeraa, kan hin taane ta’e, kan hin hojjenne hojjedhe, kan hin dhalanneen dhalate jechuun olola sobaa ittiin beekkamu ta’uu himeera.

Moo’atamuu isaa maqaa raayyaa ittisaa balleessuun  uwwisuun, kisaaraa irra ga’u deeggartoonni isaa akka hin beekne hawaasni  idil addunyaa badii isaa akka hin hubanne ololli sobaa malootti itti fayyadamu keessaa isa tokko ta’uu ibsa baaseen himeera.

Yakka sukkaneessaa iddoo garaagaraatti ofii isaaf raawwate Raayyaa ittisatti maxxansuun olola qindeessuun hawaasa idil addunyaa burjaajessaa jiraachuu isaa ibseera.

Olola sobaan yeroof deeggartoota isaa dhiichisiisus oolee bulee ummannii fi hawaasni idil addunyaa dhugaa jiru hubachuun kan hin oolle ta’uu ministeetichi ibsa baaseen eereera.

Raayyaan Ittisaa raayyaa amala ummattummaa fi namuusa gaarii qabu ta’uu addunyaan kan beeku akka ta’e ibseera.

Raayyaan Ittisaa wayita ummanni rakkate waliin rakkatu, waliin dhiphatu, ummata waliin beela’uu fi dheebotu, kan qabu ummataaf qooduun miira ummattummaan beekkamu ta’uu himeera.

Yaa ta’uutii yakki suukaneessaan tibbana  hidhattoonni garee shororkeessaa ABUT raawwachuun miidiyaa hawaasummaan yakka ofiif raawwate raayyaa ittisaatti maxxansuuf maqaa balleessiin gaggeessaa jiran  diraamaa ta’uu hubachiiseera.

Raayyaan Ittisaa duula garee shororkeessaa qulqulleessuu  eegale galmaan kan ga’u ta’uu ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.