Fana: At a Speed of Life!

Oomishtoota biyya keessaan kan oomishame zayiitni leetirri miiliyoonni 17 gabaaf dhiyaate

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2013 (FBC)- Oomishtoota biyya keessaan kan oomishamee zayiitni leetirri miiliyoonni 17 gabaaf dhiyaachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksisee.
Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allaabal haala jireenya hawaasa fooyyessuuf hojii hojjetameen warshaaleen zayiita ijaarramanii baatii Gurraandhala gara oomishaatti galuun zayiitni leetirri miiliyoonni 17 gara gabaa akka galu ibsaniiru.
Qaala’iinsa jireenyaa tarkaanfii fudhachuu fi hordoffiin qofaan akka hin fooyyofne kan ibsan obbo Malaakuun oomishtummaa dabaluuf dhiyeessii fi feedhii walsimsiisuuf mootummaan damee qonnaa fi oomishaa indaastiriirratti xiyyeeffannoo laachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.