Fana: At a Speed of Life!

Oomishtoota Warqee mala aadaan oomishanirraa kaffaltiin Rooyaalitii ka’e

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Oomishtoota Warqee mala aadaan oomishanii baankiif dhiyeessanirraa kaffaltiin Rooyaalitii kan naannoleef kaffalaa turan guutummaa guutuutti  kaafamuun ibsameera.

Ministir Ministeera Albuudaa fi Inarjii Injiinar Taakkalaa Uumaa, murtoon kun murtoo galateeffamu ta’uu gama fuula miidiyaa hawaasaasaaniitiin  ibsaniiru.

Namoota jabaatanii hojjetaniif yeroo hunda deeggarsi kan maluuf ta’uus ibsaniiru.

Waldaaleen xixiqqaa fi oomishtoonni warqee mala aadaatiin oomishan damee diinagdee biyya keenyaatiif utubaa ta’uun waggoota dheeraa kan tajaajilan ta’uus ministirichi himaniiru.

Jarreen kana deeggaruunii fi ba’aa gatiittiisaaniira jiru hir’isuun itti gaafatamummaa nurraa eegamus jedhaniiru.

Preezdaantonni naannolee oomishtoota warqee mala aadaatiin oomishanii baankiif dhiyeessanirraa kaffalttii rooyaalitii guutummaa guutuutti kaasaniiru.

Tarkaanfiin kun ammoo oomisha albuudaa mala aadaatiin taasifamuuf xiyyeeffannoo kennuu keenyaaf agarsiistuudha jechuun  ibsaniiru Injiinar Taakkalaan himaniiru.

Gama biraatiin ammoo namoota seeraan alaa qabeenya biyyaarratti shira xaxanirratti tarkaanfii fudhachuuf waliigalteerra gahamuu ibsaniiru.

Yakkamtoota adabaa warreen ifaajjan deeggaraa imala keenya itti fufnas jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.