Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hoggansi sadarkaan jiru guyyaa Wixataa, Roobii fi Jimaata waajjiratti argamuun gaaffii ummataa akka dhaggeeffatu murtoon darbe

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa hoggansi sadarkaa naannoorraa kaasee hanga aanaatti jiru, torban keessaa guyyaa Wixataa, Roobii fi Jimaata waajjiratti argamuun gaaffii ummataa akka dhaggeeffatu, tajaajila irraa eegamu akka ummataaf kennu murtoo dabarseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ummanni Oromoo kadhatee osoo hin taane; ajajee tajaajila akka argatu xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan kan hojjetu ta’uu ibsa baaseen himeera.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
Mootummaan eyyantaa ummataatiin filatame tajaajila ummanni irraa fedhu karaa gahumsaa fi itti fufiinsa qabuun kennuuf dirqama qaba.
Mootummaan dirqama ummanni irraa eegu kana karaa gahumsa qabuun bahachuuf, sagantaawwan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummataaf ittiin waadaa galeef amanamaa ta’ee argamuu qaba.
Mootummaan naannoo Oromiyaas filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaatiin eyyantaa ummataa argate bifa haaraan yommuu gurmaa’u, sirni demokraasii dhugaa fayyadamummaa haqa-qabeessa mirkaneessu akka lafa qabatu, carraawwan diInagdee jiran hunda hirmaannaa ummataatiin fayyadamuun badhaadhinni hunda galeessi akka naannoo fi sadarkaa maatitti akka mirkanaa’u, dhaloonni dammaqaa, fayya-buleessaa fi tooftaan jireenyaa isaa ammayyaa’e ijaaruuf waadaa galuudhaani.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa ummataaf seene kana dhugoomsuuf, rifoormiiwwan diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa waggoottan sadan darban keessatti jalqabaman karoora tarsiima’aa fi gabaabaan caalmaatti cimsuun bu’aawwan qabatamaatti fayyadamummaa ummata Oromoo mirkaneessan galmeessuu jalqabee jira.
Keessumattuu, fedhii misoomuu ummanni Oromoo waggoottan sirna Wayyaanee keessatti dhabee ture adeemsa barameen guutuun waan hin danda’amneef, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ejjennoo cimaa “ Waggaa shan akka waggaa digdamii-shaniitti” jedhuun tarkaanfiiwwan haaraa damee dinagdee fi hawaasummaa irraatti hojiirra akka oolan taasisuun isaatiin bu’aawwan waggaa 27 keessatti hin argamne waggoottan lamaa fi sadi darban keessatti galmaa’uu danda’aniiru.
Kun akka eegametti ta’ee, tajaajilli akka mootummaatti kennaa jiru sadarkaa fedhiin misoomuu ummata keenyaa irra gaheen kan wal-gite akka hin taane, ummanni waadaa galleef komii qabu ifatti kaasaa jira. Rakkoon nageenyaa fi tasgabbii dhabuu akka biyyaatti nu mudate, si’oomina tajaajila mootummaatiif ka’umsa tokkoo ta’ee, irra jireessi gahumsa kenna tajaajilaa dhaabbilee mootummaa waliin akka wal-qabatu qorannoo adda addaatiin adda baasuun danda’ameera.
Mootummaan tajaajilaa ummataa akkuma ta’e, gaggeessitoonnii fi ogeeyyoonni tokko tokko aamaanaa mootummaarraa fudhatanii hojiitti bobba’an tajaailaa ummataa ta’uun hafee, ummatarraa tajaajila barabaadutti cehuun isaanii rakkoo guddaa ta’uun isaa hubatameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, waadaa ummata Oromootiif gale karaa barabaadameen dhugoomsuu kan danda’u, humnoota waadaa ummataa nyaatan irratti garaa yoo jabaate qofa akka ta’e amantaan fudhachuun kutannoo ol’aanaadhaan hojiitti galee jira.
Haala kanaan, rakkooleen kenna tajaajilaa dameewwan dhaabbilee kenna tajaajilaa mootummaa hunda biratti mul’atan erga adda baafamaniin booda ‘Koree ol’aanaan si’oomina tajaajilaa( task force) sadarkaa naannootii kaasee hanga godinaalee fi magaalootaatti dhaabatee hojiitti akka galu ta’eera.
Kaayyoon jalqabaa koree kanaa, kenni tajaajilaa akka ammayaa’u ta’ee, adeemsa kana keessatti hoggansarraa jalqabee ogeessa amaanaa ummataa nyaatu hundarratti itti gaafatamummaan akka hordofu taasisuudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ummanni Oromoo kadhatee osoo hin taane; ajajee tajaajila akka argatu xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan ni hojjeta. Haala kanaan hoggansi sadarkaa naannoorraa kaasee hanga aanaatti jiru, torban keessaa guyyaa Wixataa, Roobii fi Jimaata waajjiratti argamuun gaaffii ummataa akka dhaggeeffatu, tajaajila irraa egamu akka ummataaf kennu murtoo dabarsee jira.
Murtoon kun hojiirra akka oolu taasisuu keessatti hirmaannaan ummata keenyaa murteessaa waan ta’eef, hoggansa ta’ee ogeessa kallattii kana cabsuun muufii uumu kamirrattuu eeruu dhiyeessuun itti gaafatamummaan akka jiraatu taasisuu keessatti qooda keessan akka baatan Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarsa.
Oromiyaa ni Ijaarra !
Itoophiyaa ni Utubna !
Gaanfa Afrikaa ni Tasgabbeessina !
Waaqnis nu Gargaara !
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Amajjii 18, 2014
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.