Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti manneen barnootaa Bu’uuraa boruu kuma 3 fi 700 ol ijaaraman

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan ja’an darban manneen barnootaa bu’ura boruu kuma 3 fi 700 ol ijaaramuu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.

Biirichatti Daayrektarri Qophii Karooraa fi Baajataa Mahaammad Indiriis, naannichatti waliin gahiinsa manneen barnootaa guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Keessumaa, sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu fi galteewwan barbaachisoo guutuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.

Haaluma kanaan hirmaannaa hawaasaan manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 4 fi 574 ijaarsisuuf karoorfame manneen barnootaa kuma 3 fi 764 ijaaramuu himan.

Gama biraatiin manneen barnootaa sadarkaa gadi ta’an kuma 3 fi 410 sadarkaa isaanii fooyyessuuf karoorfamee manneen barnootaa kuma 4 fi 418 fooyyeffamuu eeraniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.