Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 197 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 197 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 650 hojjetameen vaayrasichi namoota 197 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 14,510 ga’eera.

waliigala Lubbuun namoota 123 darbeera.

Namoonni haaraan 80 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9083 dandamataniiru.

Namoonni 10 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5304 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 205558 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.