Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 101 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Adoolessa 30, 2012 (FBC) – Oromiyaatti namoonni dabalataa 101 vaayrasii koroonaatin qabaman.
 
Gabaasa sa’aa 24 naannoo Oromiyaatin qorannaa laabraatoorii 1756 hojjetameen namoota 101 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
 
Hanga yoonaatti naannichatti qorannaan laabraatoorii 49,018 kan hojjetame yoo ta’u, yaalawwa kan jiran namoota 1263.
 
Walumaagalatti vaayrasichaan namoonni lubbuun isaanii darbe 24.
 
Naannichatti walumaa galatti namoonni 1737 vaayrasii koroonaatin qabamuu biirichi eerera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.