Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 143 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 143 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 2051 hojjetameen vaayrasichi namoota 143 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 2415 gaheera.

waliigala Lubbuun namoota 27 darbeera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 61,266 gaggeeffameera.

Nammoonni haaraan 54 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 803 dandamataniiru.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 1585 ta’uu biirichi ifoomseera.

Nammoonni 3 wallaansa addaa keessatti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.