Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoota dabalataa 153 irratti vaayrasii koroonaa argame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 153 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 567 hojjetameen vaayrasichi namoota 153 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 13,059 ga’eera.

Lubbuun namoota 3 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 106 darbeera.

Namoonni haaraan 107 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 7857 dandamataniiru.

Namoonni 26 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5202 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 198, 534 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.