Fana: At a Speed of Life!

Oromoon haqa ragaa qofaan osoo hin taane, dhugaafi safuun laalee murteessa – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Eebla 10, 2015 (FBC) – Oromoon haqa ragaa qofaan osoo hin taane, dhugaafi safuun laalee murteessa jedhan Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Mootummaan haqa waloo mirkaneessuuf Mana Murtii Aadaa hundeessuudhaan rakkoo cabiinsa safuu, duudhaafi aadaa ummatichaarra gahaa ture iddootti deebisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu Obbo Shimallis ibsaniiru.

Waggoota lamaan darban keessa qofa Manneen Murtii Aadaa kuma 6 fi 100 ol hundaa’uun, haqa ummataa baasuu keessatti fala bu’uuraa fiduu eegalanii jiru jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.

Dhimmoonni Manneen Murtii idileetiin waggoota 20 ol lakkofsisan Manneen Murtii Aadaa keessatti hiikamuu eegaluunsaanii injifannoo guddaa ta’uu kaasaniiru.

Haqa baasuu kana keessatti ummata Oromoo qofa osoo hin taane, sabaafi sab-lammoonni ummaticha waliiniifi naannolee ollaa jiranillee Manni Murtichaa loogii tokko malee, haqasaanii deebisaafii waan jiruuf itti gargaaramuu eegaluu himaniiru.

Kun obbulummaa ummata Oromoofi sabaafi sab-lammootaa cimsuu keessattillee bu’aa olaanaa fidaa jiraachuun eeraniiru.

Manneen Murtii Aadaa erga hundeeffamanii as Manneen Murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaa keessatti falmiiwwan dhimmoota adda addaatiin walqabatanii turan kuma 150 ol ariitiidhaan murtee argachuu isaanii ibsaniiru.

Manneen Murtii Idilee keessatti ragaatu wal mo’ata; Manneen Murtii Aadaa keessatti garuu dhugaatu dhara mo’ata jechuun eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.