Fana: At a Speed of Life!

Ostiriyaan tamsa’inni vaayrasii koroonaa dabaluu hordofee sochiirra dhorkii keesse

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014 (FBC)-Ostiriyaan tamsa’inni vaayarsii koroonaa dabalaa dhufuu hordofee sadarkaa biyyoolessaatti sochiirra dhorkii kaa’uu beeksifteetti.

Dhorkiin sochii kun guyyoota 20 kan turu yoo ta’uu, guyyoota 10 boodas irra deebiin akka gamaaggamamuu ibsameera.

Dhorkichaan manneen nyaataa fi daladalaa kan cufamaan yoo ta’u qophiiwwan gurguddoon kan haqamaan ta’uu ibsameera.

Dhorkichi dhimma murteessaan alaatti lammiileen mana isaanii keessaa akka hin baanees hin eeyyamuu jedhameera.

Manneen barnootaa fi giddugaloonni oolmaa daa’immaanii banaa ni ta’uu jedhameera.

Addunyaarratti namoonni miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 57 vaayrasii koroonaatiin yoo qabaman,miiliyoonni 5 ol ammoo lubbuun isaanii darbeera.

Maddi-TRT World

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.