Fana: At a Speed of Life!

Paarkii Booranaatti yaa’iinsi tuuristootaa fooyya’aa jira

Finfinnee, Hagayya 10, 2015 (FBC)- Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa hongee dandamachuun tattaaffii tuuristoota hawwachuuf taasisaa jiruun yaa’iinsi fooyya’aa jiraachuu Bulchiinsi Paarkichaa beeksise.

Paarkichi hongee akka Gaanfa Afrikaatti mudatee turerraa dandamatee sadarkaa gaariirraa jiraachuu Itti Gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Booranaa Obbo Nugusee Waataan Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetitti himaniiru.

Obbo Nuguseen akka ibsanitti, akka bulchiinsa Sirna Gadaa naannawichaatti kunuunsa bosonaa fi qabeenyaa bosonaaf uummanni taasisaa jiru itti fufiinsa paarkiichaaf gahee olaanaa bahateera.

Wayita hongeen mudateettis, xiyyeeffannaa bineensota sanyiileen isaanii baduurraa jiraniif kennameen kunuunsa taasisuun dandamachiisuun akka danda’amee fi ammas kunuunsi taasifamu itti fufuu kaasaniiru.

Yeroositti bineensonni bishaan obsuu hindandeenye kanneen akka Karkarroo, Harree Diidoo fa’aan miidhaamuu dubbatan.

Parkichi bakka tuuristootaan hedduu daawwataamaa turan keessa tokko ta’uu yaadachiisanii, darbee darbee rakkolee gargaraan yaa’iinsi tuuristootaa walbuusaa dhufuu himan.

Tuuristoota hawwachuu fi bakkicha beeksisuufis garee hundeessuun, mootummaa fi qaamolee garaagaraa waliin ta’uun hojiilee beeksisuu olaanaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaan walqabatees tuuristoonni idil addunyaa hedduun gara paarkichaa dhufuun daawwannaan taasisan dabalaa fi fooyya’iinsa argisiisaa jira jedhan.

Ta’us paarkichi hanqinaalee akka bakka bultii, nyaataa, boqonnaa tuuristootaa fa’aa kan qabu ta’uu Obbo Nuguseen eeruun, pirojektoonni sadarkaa biyyaalessaatti bakkeewwan hawwata tuuriizimii dabaluuf mootummadhaan hojjetamaa jiran naannawichaattis waan barbaachisuuf xiyyeeffannaa argachuu akka qabu ibsaniiru.

Hawwattummaa paarkichaa dabaluu fi hawaasa naannawaa fayyadamtoota taasisuuf Geejjiba Gaalaa duraan hinbaratamne paarkicha keessatti eegaluu, kaampii hundeessuu, bu’uuraalee misoomaa bishaanii, daandii mijeessuu fi hojiilee beeksisaa sadarkaa olaanaan hojjechuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.