Fana: At a Speed of Life!

Paarkoota qindeessa oomisha qonnaaf humna dhiyeessuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Humni Elektirikii Ityoophiyaa Paarkoota qindeessa oomisha qonnaa garaagaraaf humnaa fi bu’uuraalee misoomaa dhiyeessuuf dhaabbilee Chaayinaa lama waliin waliigaltee mallatteesse.
Waliigaltichi dhaabbilee Chaayinaa Siinoo Haydiroo fi CU Aan jedhaman waliin mallattaa’eera.
Hojii raawwachiisaa olaanaan humna Elektirikii Ityoophiyaa obbo Ashabbir Baalchaa fi bakka buutoota dhaabbilee kanneenii gidduutti Waliigaltichi mallattaa’uu ibsameera.
Waliigaltichi Paarkiiwwan Indaastirii qindeessa oomisha qonnaaf Dizaayinii buufata raabsaa qopheessuu, meeshaalee warshaa dhiyeessuu, Ijaarsaa fi hojiilee yaalii kan hammatuudha jedhame.
Baasiin proojektoota hundaaf barbaachisu hundi baajata mootummaan kan uwwifamu ta’uu Ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.