Fana: At a Speed of Life!

Paarlaamaan Raashiyaa Bulchiinsoota Yuukreen duraanii 4 Qaama Raashiyaa taasiisuun fudhate

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Paarlaamaan Raashiyaa Bulchiinsoota Yuukreen duraanii 4 Qaama Federeeshinii Raashiyaa akka ta’an mirkaneesseera.

Manni Marichaa erga Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin hoggantoota naannolee Dooneeskii, Luhaanis, Keersanii fi Zaapooroozyiiyeen waliin naannoleen kunneen qaama Raashiyaa akka ta’an waliif mallatteessanii booda dhimmicha murteessuuf moggaasee ture.

Kana hordofee miseensonni Paarlaamichaa bulchiinsoonni kunneen qaama Federeeshinii Raashiyaa akka ta’an murtoo dhiyaate mirkaneessaniiru jedhame.

Waliigaltee Putiin mallatteessan kana Manni Murtii Heera Mootummaas raggaasiiseera.

Waliigaltichi murtoo xumuraaf Mana Maree Federeeshiniif kan dhiyaatu ta’uu RT gabaaseera.

Bulchiinsoonni kunneen murtoo Ummataa bara Faranjootaa Fulbaana 23 – 27, 2022 gaggeeffameen Raashiyaatti makamuuf murteessuun isaanii ni yaadatama.

Yuukreen gama isheen murtichi Murtoo seeraan alaa ta’uu isaan beekkamtii kan hin laanneef ta’uu ibsuun ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.